Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- miidhaa gosa isaa kamiinuu fi bifa isaa kamiinuu lubbuu ofii fi worra biroo irraa deebisuun dirqama ta'uu ifa galchan, kanaafuu nama tokkoof haala wal qixa ta'een lubbuu ofii rakkisuun yookaan nama biraa rakkisuun hin eeyyamamuuf. Miidhaa miidhaan deebisuun isaaf hin eeyyamamu; miidhaan miidhaadhaan waan hin deebifamneef jecha, yoo karaa gumaatiin ta'e qofa innis daangaa darbuun maletti. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sodaachisa nama nama miidhu miidhaan akka isa qaqqabu, akkasuma nama namatti jabeessu akka itti jabaatu ifa galchan.