Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Muslima tokko kan badii hojjateef dhiifamni Rabbiitii fi araaramni Isaa akka isaaf abdatamu ibsani, nama of tuulummaa fi baalagummaaf jecha badii isaa muldhisu malee, inni akkasii sun dhiifama haqa hin godhatu, halkan badii hojjatee bulee, ganama dhugumatti Rabbiin haala isaaf dhookseen gadi bahee ani kaleessa badii akkanaatiin hojjadhe jedhee nama birootti of hima, Rabbiin dhugumatti isaaf dhoksee haala buleen ganama gadi bahee girdoo Rabbiin isa kaaye ofirraa kaasa!!