Aa'ishaan Haati Mu’umintootaa -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- haala addaa tokko tokko kan isheen isaanin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waliin qabdu himte, sana keessaa: janaabadhaaf jecha isaanin waliin meeshaa tokko irraa kan dhiqattu taate, meeshicha irraa yeroo tokko bishaan fudhatu. Akkasumas isaan -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- haala isheen laguu irra jirtuun ishetti dhufuu yeroo barbaadan qaama ishee handhura irraa kaasee hanga jilbaatti akka haguugdu ishee ajajan, eegasii walqunnamtii saalaa malee qaama isaanitiin qaama ishetti akka maxxanan himte. Akkasumas isaan i'itikaafaaf masjiida keessa osoo jiranuu mataa isaanii gara Aa'ishaatti gadi baasanii haala isheen ofii isheetif mana ishee keessatti laguu irra jirtuun mataa isaanii akka dhiqtu himte.